(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 19, 2008) Akkuma beekamu guyyaan yaadannoo gootota wareegamanii eebla 15 bara baraan kan yaadatamee fi kabajamee ooludha. Hawaasa Oromoo bakka adda addaa jiruun ni kabajama. Keessuma barattoota yuuniversiitii olaanoon kabajamaa ture. Guyyaan kun baroota lamaan darbanitti yuuniversiitii Baahirdaaritti haala dinqisiisaa ta'een jechuunis: mooraa keessatti dongoo qabsiifatanii hiriira bahuunii fi dhaadannoo adda addaa dhageessisuun kabajamuun isaa yaadannoo yeroo dhiyoo ture. Ammas danqaa diinni uumteen tokkummaan barattotaa laafaa deemus sabboontota barattoota Oromoo muraasa hafaniin ayyaanichi guyyaa har'aa yaadatamee ooleera. Innis akka walitti dhiyeenyaatti shanii fi jaha isaa olis ta'uun dungoo ibsachuun yaadatamee oole. Sana boodas barattoonno Oromoo Yuuniversiitii Baahirdaar ibsa ejjennoo armaan gadii baafataniiru.
- Kaayyoo jaallan guyyaa har'aa qabatanii lubbuu isaanii wareegan galmaan gahuuf yoomuu caalaa cimsinee ni hojjenna; waadaa keenyas irra deebinee ni haaromsina.
- Galma gahinsa kaayyoo kanaafis dhaaba keenyaABO waliin taanee dirqama nutti kennamu mara bahuuf yoomuu caalaa qophiidha.
- Tokkummaan uummata keenyaa kallattii maraan cimee cunqursaa diinaa jalaa bilisa bahuuf dirqama nurraa feesisu mara ni baana.
- Jaallam kunniin lagaa fi amantiin otoo wal hin qoodiin tokkummaa saba keenyaaf yaadannoo tokko kaa'anii darban. Uummati Oromoo marti kana hubatee laga, gandaa fi amantaan otoo wal hin hirre rakkoo uummati keenya keessa jiru waanjoo gabrummaa hundeen dhabamsiisuuf harka wal qabannee akka hojjennuu fi garaa garummaa xixiqqoo gidduu keenya jiru dhiifnee tokkummaa Oromoof akka qabsoofnu dhaamsa keenya dabarsina!
Injifannoo Uummata Oromoof!!
Barattoota Oromoo yuuniversiitii Baahirdaar eebla 15, 2008